Mee maalumatu tokkummaa si dhorkee, halagaan wal si taasise? Mee uummata kee ilaali bara dhufaa darbaa erga bara 1889 sabnikee hacuuccaa hammana hin jedhamnetu irratti wal geeddaraa jira. Ituu diinaa waaliin ta’uun tolaa ta’ee Gobanaa Daancee, OPDO, Liiccoo Bukuraa fayiif tola ture. Goobanaa Daacee waggaa shanillee amananii waliin hin jiraanne akka hin taanetti lubbuun saa dhabame; seenaan isaas Oromoo biratti yoomuu akka yakkamaati lakaa’amaa hafte. OPDOnis sanuma Ummata Oromoo gadaantummaa ofiif uffatan humnaan irratti fe’uuf ergamtuu diinaa ta’uun yakka Gobanaan dalage irra deebi’anii dalagan dalagaas jiran. Yoo ati isin dhaaba siiyaasaa uummata kana bakka buuna offin jettan mana maree keessaa lakkoobsa caalmaa kan qabdan maaltu muummicha ministeeraa ta’uu isin dadhabsiise jettee yoo gaafatte biyya kan bulchu muummicha ministeeraa miti mana maree biyyoolessaati malee jechuun deebisu, kun harra daa’ima tokkoyyuu goowwoomsuuf hin danda’un se’a. Jireenyi jaraayyuu harka Mallas jirti. Yoo fedhe ni ariyata yoo fedhes qabee hidha. Kanagaa biyya bulchuun isaanii.

Egaa siin bilisummaa fi walabummaa saba keetiitti kan amantu maaltu wal ta’uu si dhorke. Maaltu walgargaaruu si dhorke?

Dhaabbilee saba Oromoof dhaabbanna jedhan maaltu tokkummaa dhorke?

Marti dhaabbolee kanaa qabsoon dirqama lammuummaa ta’uu fi sabboonummaan diinaaf hin jilbeenfannu bilisoomuu qabna jechuun kan qabsaawan yoo taate nagaan walbira dhaabbachuu, caasaa waliif ta’uun qabsoo saffisaan galmaan gahuu maaltu dhorke?

Sababii wal ta’uu dhabuu kan taate tarsiimoo walii fudhachuu dhabuu ykn tarsiimoo walitti araarsuu dhabuu waan ta’eef ,waan irratti walii galan jabeeffachuun kanneen irratti walii galuun dadhabamte bultiin furachaa harka wal qabuun diina waloo fuuleffachuun yeroo kan itti kennamu miti. Oromiyaan bulchiisa giddu galeessaa dhabuun kufaatii dhuma jaarraa 19faaf akkuma sababa ta’e harras yaadni, kaayyoon, akkasumas dhaabbiin sabichaa hiramuun bakka meeqa dhaabbachuun diinaaf karaa saaqa, akkasumas diinni darabee darabeen humna tokkummaa hin qabne dhahuun ykn waldura dhaabuun umurii isaa dheereffata. Bittaasaattis daa’ima itti guddisa.

Kanaaf Oromiyaan balloo akkuma taate dirree itti dirqama fudhatan waliif qoodaa waliif dirmachaa qabsoo waloome finiinsuun diina humnaan saba Oromoo irraa buqqisuun filannoo biraa kan hin qabnee dha. Oromiyaan biyya taatee dhaabbachuu kan ishee hanqise ilmaan isheerra dhalatanii,diinaaf riqicha ta’an ha ta’u malee, akka salphaatti diinaa fi wareen diinaaf ho’aniin gowwoomfamuun sabboontotaa fi qabsaa’otaa daandii dheeraa dhuma isaa hin beekne akka imallu nu taasisuun isaa waan ifa galaa dha.

Harras kaayyoo keenyatti gufuu kan ta’u Wayyaanee, OPDO, warreen Impaayera Itiyoophiyaa tiksan mara (adii fi guraacha),akkasumas warreen karoora isaanii galmaan ga’uuf qabsoo Oromoo burjaajessan yoo taatu wal ta’uu dhabuun keenyaa akkasumas daandeetti qabsoo mul’inaan fuuldura deemsisu dhabuun keenya sababa ta’uu malu. Kan Wayyaanee fi OPDO qabsoo kutannoon geggeeffamtuun mala ni argatti,kan humnoota naannicha keessaa fedhii ofii isaanii tikfatan akkasumas impayericha ijaarruu keessatti qooda fudhatanii fi harras tiksaniin ‘lama nan suufan jette jaartiin qullubbii hattee’ akkuma jedhan kaleessa gahee isaan xabatan ifa gochuun sagantaa ofii ituu takka hin cabsin of eeggannoon siyaasaa gochuun injifannoo bira gahuu qabna.

Harra addunyaan hedduu nu gatee deemee jira. Biyyoonni lakkoobsa uummataan kurnoo keenya ta’an addunyaa irratti dhiisaati Ardii Afrikaa keessayyuu meeqaatama. Ballina laafaanis biyyoota Awuropa afuri ykn shan yoo walitti dabalaman illee Oromiyaan akka caalu himama. Qabeenya uumamaa yoo ta’e harra ormuu nu saamuun abbaa biliyoonaa,sooressa addunyaa ta’aatti jira. Egaa nuun maaltu gadi nu deebisee ganddatti, kutaatti nu galche? Maaltu sabboonumaa nu sarbee kutaan-boonummaa nutti fe’e. Addunyaan harra akka biyyaatti waliin dorgoman, wali dorgommii kanaafis ciisanii hin bulan. Kan keenya maaltu kutaan wal dorgomuu sammuutti nu guutee sabboonummaa sammuu keessaa nu haqe laata? Gaaffiwwan kaniif deebii anii fi isin matuma keenyaaf ha laatnu.

Silaa yeroon yeroo itti wal dhageenyuu fi tokkummaan diina nagaa dhowwinu malee yeroo itti waldura dhaabbannuu fi propoganddaa diinaa walirratti oofnu miti. Harra warreen umurii isaanii qabsootti dabarsan kuttannoon itti fufanii jiranii dha; kanneen ofiif dadhaban ilmaan itti guddifna jechuun waadaa isaanii haaromfatan dha. Dargaggoon Oromiyaa miliyeena hedduutti lakkaa’amus itti gaafatama of bira dabarsuun ilmaan itti guddisa yoo jedhe dhalooticha gaaffii keessa galcha waan ta’eef ejjennoon keenya xiinxaluun abbaa qabsichaa ta’uu keenya hojiin mirkaneeffachaa tokkummaan, Oromummaa humna ukkaamfamuu hin dandeenye horachiisuu qabnaan jedha.