Fulbaana 25,2011

Haalaa Oromiyaa Yeroo Ammaa

Yeroo kana uummanni Oromoo  hedduun yeroo itti mana hidhaa Qaallittii, Dhidheessaa, Ma’ikalaawwii, Ziwway, fi kanneen biroo dhibbaan lakkaawaman keessatti sabummaa isaaniin yakkamuun hidhamanii, itti dararamaa jiranii dha. Kanneen darara garmaleerraa kan ka’e  wareegaman, qaamaa hirratan, dararri dhiitu bariitu irraa hin cinne kumaatama kurnoo hedduutti lakkaawama. Martuu Oromummaan yakkamanii ti.

Hata’u malee uummanni Oromoo isa yoomii caalaa gara kutannoon qabsootti of kennee yeroo itti diina yaaddessaa jiruu dha. Ilmaani Oromoo hidhaa fi ajjeechaan qabsoo bilisummaarraa of booda  nun deebisu jechuun diina garaa yeroo itti kutanii dha. Haaluma kanaan barattootnii fi dargaggoonni Oromoo  haala qindaaween sochii abbaa irree dhabamsiisuu irratti xiyyeeffate haala haarawaan finiinsaa jiru.

Haaluma walqabateen qabsoon siyaasaa fi hidhannoo ABOn geeggeefamus qormaata hedduu dandamatee kallacha qabsoo uummata Oromoo ta’uu isaa mirkaneessaa yeroo jiruu dha. Hata’u malee dhaabbilleen maqaa ABO himatan hoggansa adda addaan hogganaman marii tokkummaa xumura itti gochuu dadhabuun adduma addaan kanneen kaayyoo QBO hin fudhannee wajjin hariiroo yeroon itti uumanis ni mullata. Yeroon akkas jedhu hunda akka hin taane hubatamaa dha. Kaanneen hin hubanneef jalqabuma ji’a kanaa irrattis hariiroo qaamni jijjiramaa G7 wajiin uummatee dha. Qaama diina tokko waliin qaban waliin hariiroo uumuun tarsiimoo siyaasaa yoo ta’eyyuu hiree uummata Oromoo kanneen Oromoo hin taanes ni murteessu jechuu fi dhaaba Oromoo hin taane kamiinu jala deemuun qaanii OPDO n erga TPLFn uumamee uummata keenyarratti fe’ee jiru akka itti fufu gochuun ala sabichaaf bu’aa akka hin buufne beekamaa dha. Oromiyaan lakkoobsa namaan, ballina lafa isaan, qabeenya uumamaa qabuun, impaayera Itiyoophiyaa keessatti mara waan caaluuf  dhaabbileen Oromiyaaf falman eenyuufuu jala deemtuu ta’uu hin qaban . Warreen kaan isaan jala deemuu qaban. Kana gochuufis tokkummaa qabaachuun murteessaa dha. Manni tokkummaa hin qabne nagaa qabatee dhaabachuu hin danda’u; akkasumas uummanni tokkummaa hin qabne akka saba tokkootti milkaa’uu hin danda’u. Kanaaf warreen uummata Oromoof yaadna jedhan marti gadi fageenyaan itti yaaduu qaban. Seenaa Oromiyaa keessatti seenaa xuraawan akka isaaniif hin galmoofne seenaa isaanii ofiin miidhegfachuu qaban.

Uummanni Oromoo  biyya alaa keessatti argamanis heddumminaan hacuuccaa dheessuun kan biyyaa bahan fi kanneen biroonis rakkina akka uummataatti nurra jiru kana xumura itti gochuuf isa yoomuu caalaa tokkummaan qabsootti bobba’uu feesisa. Keessumaa tokkummaan lafti itti laaftu biyya alaatti waan taateef  rakkina kana furachuun Oromiyaan eenyuu gadi akka hin taane mirkaanneessuu fi biyya mataa ishee dandeessee dhaabattu ta’uu amanuu fi hirmaannaa jajjabduu gochuu nu feesisa.

Gara dhumaatti rakkoo uummanni keenya keessa jiru addunyaan illee yeroo kamuu caalaa yeroo itti hubatee jiruu dha waan ta’eef qabsoo keenya sadarkaa olaanaatti ceesisuun akkan mullatu gochuun deggersa haga harraa hin jirre nuuf taasisuu mala waan ta’eef marti jabaachuu qaban jedha.